Skip navigation

Share with social media sites email this page print this page

Caalaa Barachuun Caalaa Argachuudha

student with her books

Dandeettii ke guddisuu fi caalaa barachuun jiruu fi jireenya ke fooyyeeffachuuf si gargaara. Koolleejii hawaasaa ykn kan ogummaa naannoo kee argamutti galmaa'un egeree ke fooyyeffachuu jalqabi.

Karaa itti jiruu fi barnoota caalu argatan

Jiruu fi barnoota fooyyeessuu jechuun itti fufiinsaan barachuudhan hojii caalaa gaariitti ba'uu jechuudha. Tokko-tokkoon tarkaanfiin karaa kana irratti fudhattu sadarkaa qacarrii fi kaffaltii olaanutti si baasa.

Kun, barnoota sadarkaa olaanaafis akka qophooftu si gargaara.

Fakkeenyaaf, narsii ta'uuf fedhii yoo qabaatte, dura waraqaa ragaa gargaaraa naarsii ykn CAN fudhachuun jalqabda. Itti aansitee barnoota itti fufuudhan Digirii Narsii Galmaa'e ykn RN tin eebbifamta. Itti aansee, barachuudhan digirii narsii sadarkaa yunivarsitiidhan eebbifamu murteessite itti fufuu dandeessa.

Waan jireenya keetti si gargaaru barachuu

Diinagdee fi gabaan hojii adduniyaa daddafee jijiiramaa jira. Hojjetaan harr'aa jijiirama akkasii irra aanuudhaaf hamma jiru ogummaa haaraa babbarachaa jiraachuu qaba. Ogummaa haaraa jechuun koorsii kompiyuteraa barachuu ykn digirii yunivarsitiidhan eebifamuu ta'u mala.

Dhugumaan, namooti baayyeen koolleejoota hawaasaa fi ogummaa harkaa keessatti barachuun digiriidhan eebifamanii jiru. Eebbifamtoonni kaan deebi'anii koolleejootatti ogummaa haaraa fedhanitti leenji fudhatu.

Barnoota itti fufuudhan galii ke hammam guddisuu dandeessa

Sadarkaa Barnootaa Kaffaltii Giddugaleessa Kan Waggaa Tokkoo
Odeefannoon kun kan argame: Waajjira Lakkoobsa Ummataa, Guddina Barnootaa USA, bara 2006, gabatee lak. 8, hojjetoota waggaa guutuu hojjetan ilaallatu irraayi. http://www.census.gov/population/www/socdemo/education/cps2006.html
Dipiloomaa sadarkaa 2ffaa USA gadiitti Doolara USA 22,326
Dipilooma sadarkaa 2ffaa ykn GED Doolara USA 31,209
Digirii ykn waraqaa ragaa ogummaa Doolara USA 40,708
Digirii B.A. ykn Bachelor Doolara USA 51,436
Digirii Masters Doolara USA 64,540
Digirii Ogummaa ykn Professional degree Doolara USA100,000
Digirii Doktoreeti Doolara USA 85,774
Translate our site: